Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Waacaaleetti balaa tiraafikaan lubbuun namoota 7 darbe 

Finfinnee, Ebla 22, 2017 (FMC)- Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaaleetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 7 darbuu ibsameera.

Balichi ganda Machallaa jedhamutti kan mudate yoo ta’u namoota 21 irra miidhaan qaamaa cimaan namoota 17 irra ammoo miidhaan qaamaa salphaan gahuu Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Kaabaatti Itti Gaafatamaan Kutaa Tiraafikaa Itti aanaan Inispeektaraa Taakkalaa Toleeraan eeraniiru.

Balichi kan mudate konkolaataan deddeebisa uummataa Muka Xuriirraa gara Jiddaatti imalaa ture konkolaataa fe’umsaa Lammiirraa gara Finfinneetti imalaa ture waliin walitti bu’uun akka ta’e himaniiru.

Balaan kun guyyaa sa’aatii 7:30 irratti qaqqabuu Faanaa Diijitaaliif mirkaneessuun, hangi namoota lubbuun isaanii darbee dabaluu akka danda’u ibsaniiru.

Yohaannis Darribawutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.