Aanichatti Tajaajila lammummaa gannaan deeggarsi Birrii biiliiyoona 1.5 olitti tilmaamamu kenname
Finfinnee, Hagayya 26, 2017 (FMC) – Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofaleetti Tajaajila lammummaa gannaan deeggarsi Birrii biiliiyoona 1.5 olitti tilmaamamu kenname.
Deeggarsi kun Loon Aannanii, Hoolaa, Gaarii Harree, Eelee Buddeenaa, Meeshaalee Barnootaa fi uffata halkanii kan of keessatti ammateedha.
Kenna tajaajila lammummaan kanaan hojiileen manneen harka qalleeyyii suphuu fi haaraa ijaaruu hojjetamuu Bulchaan aanichaa obbo Raamatoo Bancaan himaniiru.
Aanichaatti hojii kenna tajaajilaa lammummaan hojiilee adda addaa Birrii biiliyoona 1.9tti tilmaamuu hojjechuuf karoorfamee hanga ammaatti hojiilee Birrii biiliyoona 1.5 olitti tilmaamamu hojjetamuu dubbatan.
Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina godinichaa obbo Wandimmuu Roobeen gama isaaniin, mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruuf jireenya hawaasa naannichaa jijjiiruuf taarsiimoo bocee hojii kennaa tajaajilaa lammummaan namoota harkaa qalleeyyii deeggaraa jiraachuu eeran.
Godinichatti kenna tajaajila lammummaan hojiilee adda addaa Birrii biiliyoona 23 olitti tilmaamamu hojjachuuf karoorfamee hanga ammaatti hojiileen Birrii biiliyoona 9 olitti tilmaamamu hojjatamuu kaasan.
Lammaa Tasfaayeettuu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.