Fana: At a Speed of Life!

Aarsaan Itiyoophiyaan walabummaa Kooriyaaf kaffalte hariiroo biyyoota lamaaniif bu’uura kaa’eera – Ambaasaaddar Juungi Kaangi

Finfinnee, Eebla 25, 2017(FMC) – Aarsaa Itiyoophiyaan walabummaa Riippaablika Kooriyaaf kaffalte hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaaniif cimsuu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Riippaablika Kooriyaa Juungi Kaangi ibsan.

Ambaasaaddar Juungi sirna kabaja ayyaana yaadannoo Duultota Kooriyaa 74ffaa paarkii yaadannoo Duultota Kooriyaatti kabajamerratti akka jedhanitti, aarsaan loltoonni Itiyoophiyaa walabummaa fi nageenya Kooriyaaf kaffalan kan hin dagatamnee dha.

Aarsaan kaffalames nageenyaa fi walabummaan Kooriyaa bakka turetti deebisuu bira darbee guddina biyyattiin har’a irra geesseef qooda olaanaa ba’eera.

Aarsaa kanaafis mootummaa fi uummanni Kooriyaa kabaja guddaa akka qabu dubbataniiru.

Hariiroo dippiloomaasii seenaa fi aarsaadhaan walitti hidhame cimsuuf hojimaata qindaa’aa biyyoonni lamaan aadaan, barnootaan, teekinooloojii fi hojiiwwan walfakkatoon qaban gara sadarkaa olaanaatti guddisuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Dura taa’aan Waldaa Duultoota Kooriyaa Koloneel Isxifaanos Gabiramasqal gama isaaniin, aarsaan Itiyoophiyaan bilisummaa fi nageenya Kooriyaaf kaffalte seenaa boonsaa dhaloota irraa dhalootatti darbuudha jedhan.

Seenaan boonsaa abbootiin barreeffame kun fudhatamummaa Itiyoophiyaan addumyaa irratti qabdu kan guddise ta’uus hubachiisaniiru.

Dhaloonni haaraanis nagaa biyya abbootiin aarsaan itti kennan eeguu fi misooma ishee ariifachiisuutu irraa eegama jechuu isaanii TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.