Fana: At a Speed of Life!

Aartiin ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa qaba – Gar/ Piroofesaraa Nabiyyuu Baayyee

Finfinnee, Caamsaa 9, 2017(FMC) – Aartiin Itiyoophiyaa ijaaruu keessatti qooda olaanaa qabaachuu Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii Gargaaraan Piroofesaraa Nabiyyuu Baayyeen ibsan.
Ogaartiin aadaa naannawaa, duudhaa, Afaanii fi seenaan walitti hidhamiinsa hawaasummaa uumuun ijaarsa biyyaa keessatti qooda olaanaa qabaachuun eeraniiru.
Itiyoophiyaa keessatti ogeeyyiin aartii yeroo garaagaraatti bifa Itiyoophiyaa beeksisaa turuu yaadachiisaniiru.
Kanaan seenaa ijaarsa Itiyoophiyaa keessatti ashaaraa isaanii kaa’uu eeraniiru.
Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.