Abbaan Alangaa Waliigalaa Godina Arsii tarkaanfii bulchiinsaan Birrii miiliyoona 900 kaaznaa mootummaatti deebise
Finfinnee, Waxabajjii 23, 2017(FMC)- Abbaan Alangaa Waliigalaa Godina Arsii bara 2017 tarkaanfii bulchiinsaan Birrii miiliyoonni 900 kaaznaa mootummaatti deebi’e jedhe.
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaalee Godinichaa gamaaggama raawwii karoora bara 2017 fi qophii karoora bara 2018 irratti Abbootii Alangaa waliin yaa’ii gaggeesseera.
Yaa’icharratti haqa hawaasaa kabachiisuu, qabeenya malaanmaltummaan argame deebisuu fi godaansa seeraan alaa daa’immaniifi dubartootaa irratti bu’aa qabatamaan galmaa’uu ibsameera.
Itti gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa godinichaa obbo Kamaal Abdaa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniitti akka himanitti, haqummaa, itti gaafatamummaa hordofsiisuu fi yakkoota ittisuu irratti hawaasaaf hubannoo uumuu eeruun, tarkaanfii bulchiinsaa fudhatameen Birrii miiliyoonni 900 kaaznaa mootummaatti deebi’uu ifoomsan.
Abbootiin Alangaa imaanaa ummanniifi mootummaan amantaan itti kenne bahuuf cimanii hojjechuun murteessaa tahuu hubachiisaniiru.
Olyaad Haaji Ahmaditu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.