Abbaan Gadaa Guyyoo Boruu Uummanni tokkummaa isaa eeggachuun misoomaa fi nageenya akka mirkaneessu dhaaman
Finfinnee, Guraandhala 30, 2017(FMC) – Abbaa Gadaa Booranaa 72ffaa ta’uun baallii gadaa kan fudhatan Guyyoo Boruu Guyyoo uummanni tokkummaa isaa eeggachuun misoomaa fi nageenya mirkaneessuuf akka tumsu dhaamaniiru.
Sirna walaharkaa fuudhiinsa baallii Gadaa Booranaa 72ffaa har’a geggeeffame irratti ergaa kan dabarsan Abbaan Gadaa Guyyoo Boruu sirna Gadaa laafee ture jabaatee har’a akka ga’uuf mootummaan deggersa kennuun jabaatee akka itti fufu gochuu irra darbee Dhaabbata Barnootaa fi Saayinsii Mootummoota Gamtoomaniitti(UNESCO) ambaa Kiliyaa ta’ee akka galmaa’u gochuuf galateeffataniiru.
Dhaloonni haraanis aadaa kana beekee akka itti fufsiisu kan dhaaman Abbaan Gadaa Guyyoon, tokkummaa qabaachuun misoomaa fi Nageenya mirkaneessuuf hojjechuunis barbaachisaa tahuu hubachiisan.
Barnoota keessattis jabaatee aadaan uumatichaa barsiifamuu akka qabus dubbatan.
Abbaan Gadaa Duraanii nagaan baallii dabarsuun mallattoo nageenyaa sirna Gadaa mirkaneessuu isaaniifis galata galachaniiruuf.
Abbootii aangoo fi Keessummoota sirnicha irratti hirmaatanis galateffataniiru.
Bifuma walfakkatuun Walitti Qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromiyaa Warqinaa Tarreessaa, barri gadaa Abbaa Gadaa Booranaa 71ffaan milkaa’aa akka ture yaadachiisuun, bara gadaa isaanii xumuruun baallii Karaa nagaan Abbaa Gadaa Booranaa 72ffaa Guyyoo Boruuf dabarsuu ibsaniiru.
Warra baallii fudhataniif barri isaanii kan badhaadhinaa, bara tokkummaan Oromoo ititee diinagdeen isaa itti cimu akka ta’u hawwaniiru.
Abbaan gadaa baallii fudhatan turtii isaaniin aadaa fi duudhaa Gadaa haala eegeen akka hojjetanis dhaamaniiru.
Walharkaa fuudhiinsi baallii kun bara mootummaan aadaa guddisuuf hojjechaa jirutti ta’uun waan nama gammachiisu ta’uu kaasaniiru.
Sirni walharkaa fuudhiinsa baallii Gadaa 72ffaan Guraandhala 25, 2017 irraa eegalee sagantaalee garaagaraan geggeeffamaa turuun ni yaadatama.
Yoonaataan Biraanuu fi Ayyaanaa Dheeressaatu Qindeesse.
#Oromia #Ethiopia