Fana: At a Speed of Life!

Abbootii qabeenyaa damee Ijaarsaarratti hirmaataniif deeggarsi ni taasifama

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2017 (FMC )- Abbootii qabeenyaa biyya alaa damee ijaarsaarratti hirmaataniif deeggarsi barbaachisu ni taasifamaa jedhan Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin.

 

Yaa’iin Bishaanii fi Bu’uuraalee Misoomaa Baha Afrikaa fi agarsiisni ijaarsaa Itiyoophiyaa Galma Barkumeetti gaggeeffamaa jira.

 

Aadde Caaltuun saganaticharratti dameen Ijaarsaa damee diinagdee dursaa jiru ta’uu ibsuun, dameelee biroon walitti hidhuun caalmaatti akka daddamaqan taasisaa jira jedhan.

 

Damichi kaappitaala, humni namaa fi teeknooloojii garaagaraa kan sochosu ta’uu isaan xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

 

Waggoottan darban damichi guddina olaanaa galmeessuu himuun, Hidha Guddicha Haaromsaa, bu’uuraalee misoomaa Baaburaa, Maaddiin biyyaafi Maaddiin dhalootaa piroojektoota guguddoo akka fakkeenyaatti
ibsaman ta’uu kaasaniiru.

 

Masaafinti Birrileetu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.