Fana: At a Speed of Life!

Abbootii qabeenyaa misooma Invastimantiirratti bobba’aniif deeggarsi barbaachisu ni taasifama – Pir. Shimallis

Finfinnee, Caamsaa 23, 2017 (FMC) – Abbootii qabeenyaa misooma Invastimantiirratti bobba’aniif deeggarsi barbaachisu hundi ni taasifama jedhan Pireezidanatiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Fooramiin Invastimantii Oromiyaa 2025 Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Qabeenyaa ummama naannichi qabu misoomsuun, Abbootii qabeenyaa naannichatti damee adda addaan qabeenyaa isaanii invasti gochaa jiraniif deeggarsi barbaachisuu ni taasifama.

Naannoon Oromiyaa dameewwan garaagaraan filnannoo invastimantii hedduu qabdi jedhan Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan.

Mootummaan jijjiiramaa imaammataa fi Tarsiimoowwan Invastimatiif mijataa ta’an qopheessuun bu’aa damichaa caalmaatti guddisuuf hojjetaa jiru himan Pireezidaanti Shimallis hawaasa fooramicharratti taasisaniin.

Hojiileen bu’uuraalee misooma diriirsuu, dhiyeessi lafaa fi anniisaa akkasumas rakkoolee fi hanqinoota jiran furuu hojjetamaa akka jiru kaasan.

Qabeenya kuufamaa naannichi qabutti abbootiin qabeenyaa akka fayyadamiifi misoomsan waamicha dhiyeessaniiru.

Biyya keessatti oomishuun sharafa alaa hambisuu fi oomishaalee biyya keessatti oomishaman gabaa alaaf dhiyeessuun sharafa alaa argamsiisuuf hojjetamaa akka jiru Pireezidaanti Shimallis kan himan.

Ministirri Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allebal gamsaaniin, Itiyoophiyaa diinagdee cimaarratti ijaaruuf xiyyeeffannoo hojjetamaa jira jedhan.

Mootummaan damee hundaan fooyyeessii Imammataa taasisuun hojiirra oolcheera.

Misooma malee nageenya, diinagdee fi tokkummaa mirakneesuun hin danda’amu jedhan obbo Malaakuun.

Mootummaan damee Invastimantii fi indaastiriin tarkaanfilee garaagaraa fudhachuuf hojjechaa akka jiru obbo Malaakuun kan kaasan.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.