Abbootiin amantaa Kaatolikii Itiyoophiyaa biqiltuu dhaaban
Finfinnee, Adoolessa 5, 2017(FMC) – Abbootiin amantaa Mana Amantaa Kaatolikii mooraa Giddugala Mana Amantichaa Moojootti argamuu keessa biqiltuu dhaabaniiru.
Yaa’iin Idilee phaaphaasota Kaatolikii Itiyoophiyaa Adoolessa 1, 2017 irraa eegalee Gidugalichatti taa’amaa ture ergaa dabarsuun xumumurameera.
Yaa’icha irratti ergamaa fi dhimmoota caaseffama mana amantichaan alatti dhimmoota biyyaalessaa fi idil addunyaa irratti mari’achuun murtoowwan adda addaa dabarfamaniiru.
Phaaphaasonni kunniin biyya kenyaaf yeroo kamuu caalaa tokkoomuun waa’ee nagaa sagalee keenya dhageessisuu qabna jedhaniiru.
Abbootiin kunniin yaa’ichaan booda sagantaa dhaabbii biqiltuu kan raawwatan yoo ta’u dachee kunuunsuun ittigaafatama nama hundaa ta’uu akka qabu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: ofii
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.