Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Magaalaa Jimmaa Sheediwwan 76 Birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 68’n ijaarsisan Dargaggootaaf dabarsan

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2018 (FMC)- Abbootiin qabeenyaa Magaalaa Jimmaa Sheediwwan 76 Birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 68’n ijaarsisan dargaggoota hoji dhabeeyyiif dabarsan.

Abbootiin qabeenyaa magaalattii hojii dhabdummaa hir’isuuf hojii dhunfaa isaaniin hojjetaniin cinatti dargaggoonni hojjetanii akka of danda’aniif gahee bahaachuusaaniif kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar galateeffataniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa magaalattii obbo Haayidar Abbaa Maccaa akka jedhanitti, dargaggoota kuma 2 oliif carraa hojii guyyaa tokkoon uumuuf yaadamee abbootii qabeenyaa kanaan hojiin hojjetame jajjabeessaa ta’uu kaasanii, waajjirri isaanii deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Guyyaa tokkon kaafamtoota misoomaa naannawaa Masaraa Abbaa Jifaar turan 200 oliif  lafti heektarri 15 kennamuun eerameera.

Samiiraa Mahaammad Yaasiintu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.