Abbootiin qabeenyaa naannawaa daldala bilisaa keessatti hojjetan gibira galiirraa bilisa akka ta’an eeyyamame
Finfinnee, Ebla 5, 2018 (FMC) – Abbootii qabeenyaa naannawaa daldala bilisaa keessatti galteewwanii fi oomishaalee dhiyeessurratti bobba’an gibira galiirraa bilisa akka ta’an eeyyamame jedhe Ministeerri Maallaqaa.
Hanqina Kaappitaalaa, dhiyeessii galteewwanii fi ogeeyyii misooma Indaastirii biyya keessaa furuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu ministeerichi ibsa kenneen himeera.
Galchitoonni galteewanii fi oomishaaleef qaraxaa fi taaksii osoo hin kaffalin gara biyya keessaa akka galchan ergasii galtee ykn oomisha sanaaf gabaa yeroo argatan qaraxaa fi gibira akka kaffalan hojmaanni diriiruun kan yaadatamuudha.
Yeroo ammaa kana ammoo abbootiin qabeenyaa naannawaa daldala bilisaa keessatti galteewwanii fi oomishaalee gabaaf dhiyeessurratti bobba’an gibira galiirraa bilisa akka ta’an eeyyamamuu eereera.
Abbootiin qabeenyaa carrichatti fayyadamuun naannawaa daldala bilisaa keessatti bal’inaan akka hirmaatan ministeerichi waamicha dhiyeessera.