Fana: At a Speed of Life!

ABUT qocholaa fi yakkoota waraanatti seenuuf dirqisiisoo ta’an raawwachaa jira – Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2018 (FMC) – ABUT qocholaa fi yakkoota waraanatti seenuuf dirqisiisoo ta’an raawwachaa jira jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waaranaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Guyyaan Haleellaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja kaabaarratti raawwatame waggaa 5ffaan mata duree, “akka hin dabalamne yoomiyyuu hin dagatamu’, jedhuun yaadatameera.

Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan waliigaltee Piriitooriyaa fi sana boodas gochaalee ABUT raawwataa jiru ilaalchisee yaada kennaniiru.

ABUT qocholaa fi yakkoota waraanatti seenuuf dirqisiisoo ta’an raawwachaa jira jedha.

Aksum dirree waraanaa godhateera, Aksuma ammoo seenaa Itiyoophiyaati waan ta’eef gochaa farra heera mootummaa raawwachaa jiraachuu kaasan.

Daangaa Itiyoophiyaa sarbuun Eertiraa waliin hariiroo ummachaa akka jirus dubbataniiru.

Raayyaa DDRn bittinaa’e walitti qabuun baajata sababa malee mancaasaa jiraachuus ibsaniiru.

Seeraan ala waraanaa leenjisaa jira jedhan.

Hidhattoota naannoo Amaaraaf meeshaalee waraanaa dhiyeessuun gochaa farra heera mootummaa ta’e raawwachaa akka jirus ibsaniiru.

Garichi yakkootaa fi miidhaalee kana hunda qaqqabsiisaa akka jiru ni beekna,garuu gara waraanaatti kan hin seenne miidhaan caaluu akka hin qaqqabneefi jechuun hubachiisan.

Wayita waraanni eegale ABUT holqatti baqata, kan miidhamu ummata akka ta’u waan beeknuuf waraanarraa of qusanne jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.