Addunyaa irratti dhiibbaan BRICS dabalaa dhufeera – Pirezidaanti Putiin
Finfinnee, Waxabajjii 29, 2017(FMC) – Dhiibbaan BRICS siyaasa, dinagdee fi sochii hawaasummaa idil addunyaa keessatti qabu dabalaa dhufeera jedhan Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin.
Yaa’iin BRICS 17ffaan Riyoo Dee Jeneroo, Biraazilitti eegalameera.
Marsariitii waltajjichaan ergaa kan dabarsan Pirezidaanti Putiin biyyoota guddattoota Kibbaa fi Kibba Bahaa kan hammate BRICS baay’inni miseensota isaa yeroo irraa yerootti dabalaa dhufeera jedhan.
Tumsi tarsiimawaan biyyoonni miseensotaa uuman sochii siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa addunyaa keessatti dhiibaa uumaa jiraachuus ibsaniiru.
Dinagdee addunyaa keessaa % 40 kan qabatan biyyoonni BRICS waljijiirraan daldalaa maallaqa isaaniin geggeessan guddachaa dhufuu eeranii, inveestimeentii kaappitaalaa biyyoota miseensotaa guddisuu akka barbaachisus hubachiisan.
Tumsi biyyootaa waljijjiirraa oomishaalee qonnaa, damee ispoortii fi loojistiksiin dabalaa akka dhufes eeraniiru.
Addunyaa bantoowwan hedduu mirkaneessuun kaayyoo BRICS isa ijoo ta’uus hubachiisaniiru.
Mikiyaas Ayyalaatiin
Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.