Adeemsa marii keessatti hirmaannaa paartilee dorgomtootaa guddisuuf hojjetamaa jira
Finfinnee, Adoolessa 11, 2017(FMC)- Komishiniin Marii Biyyaalessaa adeemsa marii keessatti hirmaannaa paartilee dorgomtootaa guddisuuf hojjetamaa jira jedhe.
Dubbii Himaan Komishinichaa Xibabuu Taaddasaa ibsa kennaniin, adeemsa marii biyyaalessaa keessatti paartileen siyaasaa dorgomtootaa dammaqinaan hirmaachaa haa jiraataniyyuu malee muraasni haaldureewwan kaa’uun osoo hin hirmaatiin turaniiru jedhan.
Komishinichi marii hunda hirmaachise gaggeessuuf paartilee siyaasaa osoo hin hirmaatiin hafan mariisisaa jiraachuufi Paartii Innaat, Paartii Warraaqsa Uummattota Itiyoophiyaafi Dhaabbata Tokkummaa Guutuu Itiyoophiyaa waliin tibbana mari’achmuu ibsaniiru.
Haaldureewwan paartileen kunneen kaa’an kan furaman yoo ta’e maricharratti kan hirmaatan ta’uu mirkaneessaniiru jedhan.
Paartileen siyaasaa muraasni ammoo haaldureewwan dursa furamuu qabu jechuun hirmaachaa kan hin jirre ta’uus dubbataniiru.
Paartileen siyaasaa kunneen adeemsa marii biyyaalessaa keessatti akka hirmaataniif komishinichi mariiwwan dabalataa kan gaggeessu ta’uu eeraniiru.
Lammiileen to’annoo seeraa jala jiran maricharratti akka hirmaataniif hojjetamaa jiraachuu kaasanii, Komishinii Manneen Amala Sirreessaa Federaalaa waliin mariin taasifamuufi komishinichi dhimmicharratti Ministeera Haqaa waliin akka mari’atu ibseera jedhan.
Yismaawu Adaraawutu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.