Fana: At a Speed of Life!

Adeemsa seenessa Afrikaa uumuu keessatti Itiyoophiyaarraa gahee olaanaatu eegama- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 27, 2018(FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad adeemsa seenessa Afrikaa uumuu keessatti Itiyoophiyaarraa gahee olaanaatu eegama jedhan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita miidiyaa ‘Pulse of Africa’ hojii eegalchiisan haasawaa taasisaniin, miidiyichi waggoota itti aananitti miidiyaalee gurguddoo ardichaa keessaa tokko ni ta’a jedhan.

Yeroo dhiyoo keessatti Itiyoophiyaan dameelee hedduun Afrikaarraa adda duree akka taatu eeruun, kanaaf seenessa ijaaruun dhimma filannoo osoo hin taane itti gaafatamummaa ta’uu ibsan.

Miidiyaaleen sadarkaa idil-addunyaatti guddachaa dhufan guddinni isaanii biyyoota hundeessan waliin hariiroo kan qabu ta’uu kaasanii, biyyoonni kunneenis gama miidiyaalee isaaniin ofiisaaniirra darbanii seenessa addunyaa uumuuf hojjechaa jiru jedhan.

Itiyoophiyaan bayyanachaa jiraachuu ibsanii, diinagdeen ishee guddachaa wayita adeemu adeemsa seenessa Afrikaa uumuu keessatti itti gaafatamummaa kan qabdu ta’uu hubachiisan.

Afrikaanonni walitti qabamnee guddummaa fi dandeettii guddachuu Afrikaa haala madaaluu danda’uun jijjiirama fiduu akka dandeenyu miidiyaan kun agarsiistuudha jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.