Fana: At a Speed of Life!

Adeemsi ajandaa walitti qabuu hanga ammaa burjaajii fi olola ture bu’uura kan dhabsiise – Komishinii Maree Biyyaalessaa

Finfinnee, Adoolessa 23, 2017(FMC) – Adeemsi ajandaa walitti qabuu hanga ammaa burjaajii fi olola ture cabsuun milkaa’iinaan raawwatame jedhe Komishiniin Maree Biyyaalessaa.

Maree gaggeeffamaa ture keessatti hirmaannaan mul’ate cabiinsa siyaasaa ture hiikuuf fedhii olaanaan jiraachuu kan mul’ise jedhan Komishinii Maree Biyyaalessa Itiyoophiyaatti Qindeessaan Qabiinsa Komii obbo Bizunaa Asaffaan.

Hawaasni guutuu biyyattii olola ture cabsuun Mariin biyyaalessaa kan kooti jedhuun hirmaannaan taasiise kan dinqisiifamu ta’uu ibsan.

Komishiniin Maree Biyyaalessa Itiyoophiyaa komishinii araaraa osoo hin taane komishinii qaamolee sababoota garaagaraan waliigaluu dadhaban akka waliigalan haala mijeessuudha jechuun ibsan.

Komishinii gartummaa hin qabne, kan walabaan dhimma biyyaarratti hojjetu ta’uu ibsan.

Adeemsa hanga ammaatti jiruun dhiibbaan qaama kamiiniyyuu komishinicharra gahe hin jiru jechuun eeran obbo Bizunaan.

Hawaasnis miira olaanaan komishinicha simachuun itti amanuun ajandaa isaa dhiyeeffateera jedhan.

Paartilee siyaasaa muraasaan ala dhaabbileen hundi maricha keessatti hirmaachuun ajandaa isaanii dhiyeeffachuu kaasan.

Paartileen muraasni hirmaachuu baatanis hawaasni isaan bakka buuna jedhan/miseensonni isaanii garuu mari’acha keessatti hirmaachuu eeran.

Komishiniin Maree Biyyaalessaa ammas paartilee dhimma biyyaa keessatti hirmaachuuf fedhii qaban kamiiyyuu simachuuf karri isaa banaa ta’uu himan.

Adeemsa marii komishinichi hanga ammaatti gaggeessaa ture keessatti baay’inaan hirmaachuu, ajandaa bal’aa kennuu fi murannoon hirmaachuun naannoon Oromiyaa akka fakkeenyaatti kan fudhatamuudha jedhan obbo Bizunaan.

Hawaasni naannichaa burjaajii ture cabsuun Mariin biyyaalessaa kan kooti jedhuun hirmaannaan taasiisan kan dinqisiifamu ture jedhan.

Hawaasni aanaalee naannoo Oromiyaa hunda keessatti argaman rakkoolee turaniin osoo hin daangeffamin dhimmichi dhimma biyyaa ta’uu hubachuun hirmaannaa olaanaa taasiisuu kaasan.

Iddoolee rakkoon nageenyaa jirutti illee hawaasni cichoominaa fi murannoon ajandaa isaanii kennachuu himan.

Rakkoo akka biyyaatti jiru furuun amma jechuun lammiileen Itiyoophiyaa adeemsa maree biyyaalessaa keessatti hirmaannaa hoo’aa taasisaa jiraachuu ibsan.

Hanga ammaatti naannolee 11 fi bulchiinsa magaalootab lama keessatti mariin gaggeeffamuu dubbachuun, yeroo itti aanu naannoo Tigraayitti marii ajandaa walitti qabuu eegaluuf qophiin taasiifamaa jiraachuus himaniiru.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.