Fana: At a Speed of Life!

Adeemsi liqaa akka si’atuuf Sanadni waliigaltee akka qophaa’u yaadni dhiyaate

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2017 (FMC )- Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaaliny adeemsi liqaa biyyoota gidduu si’ataa akka ta’uuf sanadni waliigaltee idileen akka qophaa’u yaada dhiyeessan.

Fooramii Paaris 12ffaa irratti kan hirmaatan Dooktar Iyyoob, hammattoo waloo biyyoota garee 20(G20) jalatti qabiinsa liqii ilaalchisee muuxannoo Itiyoophiyaa qoodaniiru.

Biyyoota liqeessitoota biratti adeemsi marii fooyya’iinsa idaa fooyya’aaniifi tumsi jiraachuu eeruun, deeggarsaafi tumsa deeggartoonni Itiyoophiyaaf taasisaniif galateeffataniiru.

Rakkoolee adeemsa keessatti mudatan hubachuun furmaatawwan fuula duraa ilaalchisee yaadota furmaataa dhiyeessuun sagantaan yeroo kaffaltii idaa ifaafi tilmaamamuu danda’u jiraachuun biyyoonni liqeeffatan yeroo aara galfii akka argatan dandeessisa jedhan.

Adeemsa isaa daran si’eessuufi harkifannaa hin barbaachifne maqsuuf sanadni waliigaltee idileen akka qophaa’us yaada dhiyeessaniiru.

Biyyoota liqeessitootaafi liqeeffattoota gidduu iftoominni jiraachuu akka qabu kaasanii, qabiinsi idaa milkaa’aan kutannoo qaamolee hundaa irratti kan hundaa’eefi miira itti gaafatamummaa waloo uumuun barbaachisaa akka ta’es fooramichaaf ibsuu isaanii Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.