Adwaa 2ffaan Gubaarratti dhaloota kanaan hojjetameera – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Qaammee 4, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Abiy Ahimad Adwaa 2ffaan Gubaarratti dhaloota kanaan hojjetameera jedhan.
Hidhaan haaromsaa seenaa ummattoota guraachoota hundaati jechuun ibsan.
Abbayyaan barootaaf afaan malee miila qofaan jiraachaa ture har’a afaan horachuun dubbachuu danda’eera jedhan.
Hidhaan Guddichi Haaromsaa Guduunfaa gaabbii kaleessaa abdii boruu ta’eera jedhan.
Itiyoophiyaan gargaarramuu keessaaa baatee gargaarutti ceeteerti jechuun ibsan.
Itiyoophiyaan qabeenya ishee fayyadamtee seenaa hiyyummaa ishee haquuf malee obboleeyyaan ishee biroo miidhuuf kaayyoo hin qabdu jedhan.
Har’a Missiraachoon Badhaadhinaa fi Bayyanachuu Itiyoophiyaa ifatti labsamuu eeran.