Fana: At a Speed of Life!

Adwaan eenyummaa dhugaa yeroo hundaati-Obbo Hayiluu Addunyaa

Finfinnee Guraandhala 13, 2018(FMC)- Adwaan eeenyummaa dhugaa Itiyoophiyaanootaa yeroo hundaati jedhan Hoggaanaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan.

Waltajjiin marii Gumii Balal marsaa 49ffaan mata duree “Adwaa: Injifannoo Waloo Yaadannoo Walinii “jedhuun gaggeffamaa jira.

Waltajjicharratti haasawa baniinsaa kan taasisan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa, Adwaan injifannoo yaadama koloneeffattootaa diigedha jedhan.

Gootonni Itiyoophiyaa Adwaarratti garaagarummaa keessoo dhiisuun gamtaan ka’uun gootummaa Itiyoophiyaa mul’isuu ibsaniiru.

Adwaan seenessa waloo fi tokkummaa ummattootaa kan cimsee akka ta’e ibsuun, eenyummaa dhugaa yeroo hundaa Itiyoophiyaanootaa ta’uus himaniiru.

Gootonni Oromoos loluufi lolchiisuun seenaa ijaarsa biyyaa keessatti adda durummaan gahee isaanii bahataniiru jedhan.

Dhaloonni har’as Hidha Haaromsa Guddichaa milkeessuun seenaa Adwaa 2ffaa galmeessuu eeraniiru.

Ajandaa waloo Hidha Haaromsaarraa gara Ulaa Galanaatti ceesisuun hojjetamaa jiras jedhan.

Karri Galaanaa Seenaanis seeraanis Itiyoophiyaaf kan maluu ta’uu kan eeraan Obbo Hayiluun hubachuu fi hubachiisuun barbaachiisaadha jedhan.

Akkasumas marii biyyaalessaa eegalame fiixan baasuufi ijaarsa mootummaa cimaa milkeessuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Tsahaay Gulummaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.