Adwaan injifannoo qeenxee osoo hin taane, injifannoo tokkummaa fi sab-daneessummaati – Dooktar Tashoomaa Addunyaa
Finfinnee, Guraandhala 23, 2018 (FMC) – Adwaan injifannoo qeenxee osoo hin taane, injifannoo tokkummaa fi sab-daneessummaati jedhan Kantibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan.
Magaalaa Shaggaritti Guyyaan yaadannoo injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa mata-duree ‘Imaanaa Adwaa,tokkummaa birmadummaa fi olka’insa Biyyaatiif’ jedhuun Kutaa Magaalaa Furiitti marii Paanaaliin kabajameera.
Adwaan injifannoo gurraachotni gootummaafi tokkummaa isaanii agarsiisuun ol ka’insa Itiyoophiaanotaa Addunyaaf itti beeksiste ta’uu himan Dooktar Tashoomaan saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.
Kunis yaadannoo seenaa qofa osoo hin taane mallattoo tokkummaa, gootummaafi bilisummaa Itiyoophiyaa Addunyaatti kan beeksise ta’uu ibsan.
Injifannoon Adwaa hojiiwwan ijaarsa Magaalaa ammayyaa’aatiin itti fufuu eeran.
Dargaggootni Adwaa jaarraa 21ffaa milkeessuun biyya badhaateefi magaalaa dorgomtuu ijaaruun dhaloota itti aanuuf dabarsuuf hojjechuu akka qaban dhaaman.
Ittigaafatamaa Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Magaalaa Shaggar Obbo Naasir Huseen gama isaaniin, Adwaan mallattoo bilisummaafi gootummaa abbootiin keenya jaalala biyyaa ittiin mirkaneessan ta’uu kan himan.
Dhalootni har’aas injifannoowwan beekumsa,tekinooloojii akkasumas nageenyaafi tokkummaa biyyaa eegsisuun Badhaadhina biyyaa itti fufsiisuun hiyyummaa injifachuu keessatti gahee ofii bahachuu akka qabanis dhaamaniiru.
Sagantaa kabaja guyyaa injifannoo waggaa 130ffaa kan irrattis hooggantootni sadarkaan jiraniifi dargaggootni Magaalaa Shaggar argamuu Ittaanaan Waajjira Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar obbo Namoomsaa Shaambal Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.