Adwaan Mallattoo cichoominaafi Siidaa bilisummaati!
Finfinnee, Guraandhala 23, 2018 (FMC) –Ayyaanni Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaan Godinaaleefi magaalota Oromiyaa garaagaraatti sagantaalee adda addaatiin kabajamaa jira.
Guyyaan Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaan mata duree “ Seenaa boonsaa irraa gara abdii ifa boruutti” jedhuun haala ho’aa ta’een kabajamaa jira.
Guraandhalli 23 seenaa Itoophiyaa keessatti guyyaa kabajamaa fi yaadannoo addaa qabu kan Injifannoon Dhiigaafi Lafee Sabootaan Ijaarameedha.
Guyyaan kun guyyaa weerartuu Xaaliyaanii irratti injifannoon guddaan argame, birmadummaa fi kabajni biyya keenyaa addunyaa irratti ol ka’ee itti mul’atedha.
Adwaan injifannoo waraanaa qofa osoo hin taane, injifannoo tokkummaa, gootummaa fi murannoo sabootati.
Injifannoon kunis injifannoo saba tokko, mootummaa tokko yookaan nama dhuunfaa miti. Injifannoo saboota Itiyoophiyaa hundaati;darbees injifannoo uummata gurraachaa addunyaati.
Oromoo dabalatee Saboonni fi sablammoonni gara garaa garaagarummaa isaanii cinaatti dhiisuun biyya isaanii tikfachuuf tokkummaafi onnee gootummaan guuteen dirree waraanatti wal gahan.
Tokkummaafi humni gootummaa kunis ,yeroo Afrikaa fi biyyoonni gurraachotaa hedduun gabrummaa jala turanitti, Itiyoophiyaan kophaa ishee adii irratti injifannoo argachuun abdii fi kaka’umsa hore.
Kanaafuu, Adwaan mallattoo bilisummaa fi ofitti amanamummaa uummata gurraachaa ta’ee seenaa keessatti galmaa’eera.
Injifannoon kun dhiiga dhangalaasee, lafee dhalootaa cabsee kan argameedha.
Gootummaa, tokkummaa fi cichoominni kaleessa abbootii keenya irraa dhaalle, har’as finiinee itti fufuun, dhaloonni har’aa copha dhiigaa, copha dafqaafi copha bishaaniin hidha haaromsaa Adwaa 2ffaa ijaaree galaana diimaas milkeessuuf gara fuulduraatti tarkaanfachaa jira.
Tokkummaan, gootummaan fi tumsin uummata keenyaa misaa’eela biyya keenyaati. Akkuma kaleessa diina alaa irratti injifannoo argamsiise, har’as rakkoolee keessaa fi alaa qolachuuf humna guddaa dha. Kanaaf, yaadannoon Adwaa garaagarummaa cinaatti dhiisnee, dhimma biyya keenyaa irratti waliigalteefi tokkummaan hojjechuun injifannoowwan waloo biyya keenyaa ceesisuun dirqama dhaloota har’aa ta’uu nu yaadachiisa.
Injifannoon dhiigaafi lafee sabootaan ijaarame kun, dhaala guddaa dhalootni har’aa dhaloota kaleessatirraa dhaaledha. Bara baraan injifannoo dirree Adwaa kabajamuuniis tokkummaa keenya jabeeffachuun birmadummaa biyya keenyaa itti fufsiisuuf bu’uura cimaa ta’ee itti fufa jedhe BKO.
#Oromia#Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.