Fana: At a Speed of Life!

Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoon ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Qaammee 5, 2017(FMC) – Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoon bara haaraa 2018 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Itiyoophiyaatti jijjiirama gaggeeffame hordofee piroojektoonni misoomaa ijaaraman, ijaaramaa jiraniifi ijaaraman guddina diinagdee, hawaasummaa, siyaasaa fi biyyaalessaaf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti hanga ammaatti hojiilee hedduu hojjechuun bu’aa jajjabeessaan argamuu kaasuun, oomisha qamadii, ruuzii, boqqolloo, bunaaa, kuduraafi muduraan bu’aa olaanaan galmaa’uu yaadachiisaniiru.

Maaddii Guutuun lammiileen nyaata madaalamaa akka argataniif hojii jajjabeessaan hojjetamaa jira jedhan.

Ashaaraa magariisaan waggoottan torban darbanitti biqiltuu biiliyoona 50 ta’u dhaabuun rakkoo jijjiirama qilleensaa furuurra darbee gama oomishaa fi oomishtummaa guddisuun fi naannawaa fayyaalessa uumuun bu’aa olaanaan galmaa’uu eeraniiru.

Misoomni kooriidarii magaalotaas lammiileef naannawaa mijataafi qulqulluu uumuurra darbee magaalaa Afrikaa kan taate Finfinnee dabalatee sadarkaa magaalotaa kan jijjiire ta’uu ibsaniiru.

Jala bultii bara haaraa kan eebbifame Hidhi Haaromsaa miira hin danda’amuu kan cabsee fi piroojektii biyyarra darbee Afrikaaf fakkeenya guddaa ta’e; gahumsa badhaadhina biyya keenyaati jedhan.

Jijjiiramni Itiyoophiyaan galmeessisaa jirtus haala mijataa keessatti kan dhufe osoo hin taane qormaatilee biyya keessaa fi alaan wareegama hedduu kaffaluun, cichoominaafi obsaan cehuun kan galmaa’e ta’uus dubbatan.

Hojiiwwan damee hedduu qabu kana hojjechuu keenyaan biyyi keenya dameelee dinagdeen maanufakcheringidhaan, albuuda, qonna, daldala alaa fi tuurizimiidhaan milkaa’ina argisiisteetti.

Piroojeektonni misoomaa akka fakkeenyaatti eeraman kunniin olka’iinsa biyya keenyaa kan argisiisanii fi abdiiwwan gurguddoo Itiyoophiyaa badhaatuu borii mul’isaniidha jedhan.

Kunnen hundi ida’amuun guddinni biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan hin hafne ta’uu akka mul’isanis hubachiisan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.