Afaan qawweetiin osoo hin taane afaaniin dubbannee olaantummaa yaadaan wal mo’uu aadeeffachuu qabna
Finfinnee, Bitootessa 19, 2018(FMC) –Korri nageenyaa guddaa kan fedhii ummata Oromoo bu’urreefatee fi Qeerroo guutuu Oromiyaa hirmaachise mata duree “Wal-ajjeechaan Obboleewwanii haa Dhaabbatu; Nageenyi Waaraan Fulla’insaan haa Mirkanaa’u!” jedhuun magaalaa Bishooftu galma Harsadeetti geggeeffamaa jira.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa maricharratti argamuun ergaa dabarsaniin, Korri har’aa kun kora seena qabeessa ta’uu himuun qabsoo sirna cunqursaa qolachuuf aarsaa kaffalameen injiffannoo arganneen booda kora akkasiin qeeroo fi qarreen wal argee mari’achuun gammachuu guddaadha jedhan.
Qeerroo fi Qarreen Humna misoomaa,nageenyaa fi jijjiiramaa ta’uu eeruun Mootummaan nageenya karaa nagaan fiduudhaaf hojjetaa tureen bu’aan argame salphaa miti jedhan.
Afaan qawweetiin diina kee ajjeesuu dandeessa;nageenya waaraa fiduun garuu hindandaa’amu waan ta’eef Mareefi marabbaadhaan akka duudhaa keenyaatti karaa nagaan rakkoo keenya furachuun barbaachisaadha jedhan.
Qeerroo fi qarreen keenya abbaa sirnaa taatanis qormaata kamuu injifachuuf obsaa fi tasgabbiidhaan sirna itti fufsiisuuf hojiechuutu isinirraa eegama jechuun dhaamaniiru.
Hoogganaan Waraana ABO duraanii Yaadasaa Nagaasaa(Sanyii Nagaasaan) gama isaaniin, Qabsoo geggeessineen Injifannoon argame kun aarsaa nama hundaan argame ta’u hubatamuu qaba jedhan.
Wal waraansa geggeeffamu keessatti kan aarsaa kaffalu uummata keenya ta’uu hubannee qabsoo karaa nagaa geggessuuf murteessine jechuun eeran.
Qabsoo karaa nagaa geggeessuuf murteessuu keenyatti gammachuu malee waan nu gaabbisiisu hinjiru jedhan.
Wal waraansa amma Oromiyaa keessaatti deemaa jiru keessoo Oromoo keessa qofaan utuu hintaane qaamni addaa addaatu harka keessaa qabaachuu ibsan.
Warri Yeroo obbolaa gidduudhaa sagaleen qawwee haa callisu jedhamu karaa addaa addaa lola labsan bakka nagaas hinjiranii bakka lolaas warra hinjirre ta’uun hubatamuu qaba jechuun dubbatan.
Wal-ajjeechaan obboleewwanii callisa qawweetiin dhaabatee boqonnaan nageenyaa fi tasgabbii guutuu Oromiyaatti akka saaqamuuf sosochii gara garaa taasisaa kan ture Qeerroon Oromiyaa guyyaa har’aas kora waliigalaa Qeerroo guutuu Oromiyaa karaa hirmaachiseen magaalaa Bishooftutti gaggeessaa jira.
Afaan qawweetiin Osoo hin taane afaaniin dubbannee ol’aantummaa yaadaatiin wal mo’annee jiraachuu aadeeffachuu qabna;aadaan siyaasaa Oromoo wal-fuuldura dhaabachuu irraa gara waliin dhaabbachuutti, wal-ajjeesurraa gara wal-tumsuutti, wal-saaxiluu irraa gara gaaddisa waliif ta’uutti tarkaanfachuu akka qabu korichaan ka’uu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia