Fana: At a Speed of Life!

Afrikaa dachee hojiin Jijjiirama Qabeenya qilleensaa qolachuu itti galma ga’e Addunyaaf mul’isuu qabna – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Qaammee 3, 2017 (FMC) – Yaa’ii 2ffaan Jijjiirama Qabeenyaa Afrikaa Finfinneetti taa’amaa jira.

Afrikaa dachee hojiin Jijjiirama Qabeenyaa qilleensaa qolachuu itti galma ga’e Addunyaaf mul’isuu qabna jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad haasawa yaa’icharratti taasisaniin.

Ardii bosona deebisanii dhaabuun pirojektii yaalii osoo hin taane aadaa itti ta’e; qonni haala qilleensaa dandamatee miiliyoonoota sooru, akkasumas bakka misoomni koridarii magariisaa magaalotaa fi baadiyyaa dinagdeen walitti hidhuun itti galma ga’e addunyaaf agarsiisuu qabna jechuun eeran.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.