Afrikaa fi Kaaribiyaan miidhaawwan irra ga’aniif waloon haqa gaafachuu qabu – Mahaammad Alii yusuuf
Finfinnee, Qaammee 2, 2017(FMC) – Afrikaa fi Kaaribiyaan miidhaawwan yeroo kolonummaa irra ga’aniif waloon haqa gaafachuu qabu jedhan Komishinarri Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yusuuf.
Yaa’iin Hawaasa Afrikaa Kaariibiyaanii Finfinneetti taa’amaa jira.
Komishinarri Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yusuuf yaa’iicha irratti ergaa dabarsaniin, miidhaawwan seenaa keessatti raawwatamaniif beekamtiin akka kennamu, beenyaa hiika qabu akka argatanii fi sirni haqa-qabeessi hunda fayyadu akka jiraatu biyyoonni Afrikaa fi Kaariibiyaanii waloon qabsaa’uu qabu jedhan.
Yaa’ichi dhimmoota waloo irratti tumsaan hojjechuuf carraa gaarii akka ta’es kaasaniiru.
Afrikaanonni haqa beenyaa argachuuf yaaliin eegalan kan milkaa’u biyyoonni Kaariibiyaanii tumsaan yoo hojjetan qofa ta’uu Gamtichi ni amanas jedhan.
Walitti hidhamiinsi seenaa Afrikaa fi Kaariibiyaanii akka guddatuu fi bu’uurri abbootiin kaleessa kaa’an jabaatee walabummaa, haqaa fi guddina waloo isaaniif hojjechuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Andu’aalem Tasfaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.