Afrikaan COP30 irratti sagalee tokko dhageessisuun addunyaarratti dhageettii argatteetti- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Sadaasa 5, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Afrikaan Yaa’ii qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP30 irratti sagalee tokko dhageessisuun addunyaarratti dhaggeettii argatteetti jedhan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Afrikaan ardii furmaataa taatee akka itti fuftuuf Itiyoophiyaan kutannoo qabdu cimsitee itti fufti jedhaniiru.
Yaa’iin qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP30’n Biraazil Beelemitti gaggeeffamaa jira.
Itiyoophiyaan yaa’ii qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP32 bara faranjootaa 2027 gaggeeffamu akka keessummeesituuf waan filatamteef galateeffataniiru.
Hawaasni idil-addunyaa itti gaafatamummaa kana Itiyoophiyaaf waan kenneef kabaja qaban ibsuun, beekamtiin kun amantaa hawaasni idil-addunyaa tarkaanfii Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaarratti qabdu kan agarsiisu ta’uu kaasaniiru.
Dabalataanis dandeettii Itiyoophiyaan sagantaalee idil-addunyaa keessummeessuuf qabdu kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti jijjiirama hiikkaa qabu fiduuf kutannoo qabaachuus mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.