Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan rakkoolee diinagdee ishee furuuf dhaabbata faayinaansii ishee barbaachisa- Dooktar Iyyoob Takkaalliny

Finfinnee, Guraandhala 3, 2018 (FMC) – Biyyoonni Afrikaa rakkoolee diinagdee isaanii furuuf dhaabbata faayinaansii ardii hundeessuun barbaachisaadha jedhan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny.

Yaa’iin biyyoota saffisaan guddachaa jiran irratti xiyyeeffatu tumsa Sa’uud Arabiyaafi Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaan qophaa’e gaggeeffamaa jira.

Dooktar Iyyoob Takkaalliny waltajjicharratti akka jedhanitti deeggarsi dhaabbileen maallaqaa idil-addunyaa biyyoota Afrikaaf dhiyeessan hanqinoota gurguddoo qaba.

Biyyoonni Afrikaa rakkoolee dameewwan diinagdeefi faayinaansiin isaan mudatan furuuf dhaabbata faayinaansii ardii hundeessuun barbaachisaa akka ta’e kaasaniiru.

Kunis deeggarsa faayinaansii idil-addunyaa dadhabaa jiruuf furmaata ta’uu eeruun, dhaabbanni hundeeffamu hammattoo sirna faayinaansii idil-addunyaa waliin kan wal simu ta’uu akka qabu hubachiisan.

Bu’aalee fooyyessii diinagdeefi hojiilee fooyya’iinsa dhaabbileen galmeessiteen gaheen deeggarsa faayinaansii Itiyoophiyaaf taasifamu guddachuu akka qabus hubachiisaniiru.

Waltajjii marii kanarratti Daayrektarri Maaneejiingii Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa Kiristaaliinaa Joorjiyeevaa fi Daayrektarri Maaneejiingii Baankii Addunyaa Anaa Beerdeen dabalatee Bulchitoonni Baankii Biyyaalessaa biyyoota garaagaraa argamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.