Afrikaan saffisaa fi jijjiirama addunyaa si’anaa faana akka imaltu tumsaan hojjechuun barbaachisaadha – Obbo Araggaa Kabbadaa
Finfinnee, Onkololeessa 14, 2018 (FMC) – Afrikaan qabeenya kuufamaa qabdu fayyadamtee saffisaa fi haala jijjiirama addunyaa si’anaa faana akka imaltu tumsaan hojjechuun barbaachisaadha jedhan Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaan.
Fooramiin Xaanaa 11ffaan Magaalaa Bahiirdaaritti taa’amaa jira.
Fooramnichi mata duree ‘Afrikaa Sirna jijjiiramaa Addunyaa waliin’ jedhuun taa’amaa jira.
Bakka buutoonni dhaabbilee naannawaa, ardii, idil addunyaa, Dippiloomaatoonnii fi ergamtoonni addaa waltajicharratti hirmaachaa jiru.
Fooramiin Xaanaa Afrikaan addunyaa jijjiiramaa jirtu faana akka imaltu carraa ishee murteessuuf waltajjii murteessaa ta’uu eeran obbo Araggaa Kabbadaan yaa’icharratti ergaa dabarsaniin.
Afrikaan Ardii qabeenya kuufamaa fi humna namaa hedduu qabdu ta’uu isheen saffisaa fi haala jijjiirama addunyaa si’anaa faana imaluuf tumsaan hojjechuun murteessaa ta’uu hubachiisan.
Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.