Afrikaatti leenjii ogummaa hammataa fi qulqulluu ta’e babal’isuun xiyyeeffannoo barbaada – Maahimmud Alii Yusuuf
Finfinnee, Onkoloolessa 4, 2018 (FMC) – Afrikaatti leenjii ogummaa hammataa fi qulqulluu ta’e babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjechuu barbaachisa jedhan Dura Taa’aan Komiishinii Gamtaa Afrikaa Maahimmud Alii Yusuuf.
Torbeen ogummaa Afrikaa 2ffaan mata duree “ Misooma ogummaa dandeettii indaastirii Afrikaa guddisuuf, kalaqaaf, guddinaa fi ittifufiinsaaf” jedhuun geggeeffamaa jira.
Dura taa’ichi ergaa sirnicha irratti dabarsaniin, biyyoonni Afrikaa damee indaastirii guddisuuf tumsaan hojjechuutu irraa eegama jedhan.
Ardichatti leenjii ogummaa hammataa fi qulqullina qabu babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka barbaachisus eeraniiru.
Torbeen ogummaa kun qooda fudhattoota hojiitti galchuu kan kaayyeffate ta’uus eeraniiru.
Hojiiwwan misoomaa itti fufiinsa qaban irratti tumsaan hojjechuutu barbaachisas jedhan.
Afrikaan uummata ishee irratti hin hojjenne misoomuu akka hindandeenye ibsanii, dargaggoota ogummaa garaagaraan leenjisuun carraa egeree isaani irratti akka murteessan gargaaruu akka barnaachisus hubachiisaniiru.
Yoonaas Geetinnatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.