Afrikaatti namoonni yakka saayibariin shakkaman 651 to’ataman
Finfinnee Guraandhala 13, 2018(FMC)- Dhaabbanni Poolisii Idil-addunyaa ( Intarpool) Afrikaatti namoota yakka saayibariin shakkaman 651 to’ate.
Dhaabbaticha miidiyaa hawaasummaa isaan akka beeksisetti, duula “ Operation Red Card 2.0” jedhu gaggeesseen biyyoota Afrikaa 16 keessatti shakkamtoota yakka saayibarii to’achuu ibseera.
Shakkamtoonni kunneen invastimantii oonlaayiniin, daddabarsa maallaqaa moobaayilaan akkasumas iyyatawwan liqaa sobaa karaa oonlaayinii gaggeeffaman seera qabeessa fakkeessuun kisaaraa Doolaara miiliyoona 45 qaqqabsiisuu eereera.
Dhaabbatichi maallaqa saamame keessaa Doolaara miiliyoona 4 fi kuma 300 deebisiisuu ibsameera.
Namoota yakkichaan shakkamuun to’ataman dabalataan meeshaaleen elektirooniksii yakkicha ittiin raawwatan kumni 2 fi 341 to’atamuus ibseera.
Marsariitiiwwan shakkamtoonni kunneen ittiin fayyadamaa turan kumni 1 fi 442 cufamuus beeksiseera.
Shakkamtoonni kunneen miidiyaalee hawaasaa fayyadamuun invastimantiiwwan oonlaayinii sobaa dhiyeessuun namoonni maallaqa akka galchan gochaa turan jedhe dhaabbatichi.
Haleellaan saayibarii qindaa’aan sadarkaa idil-addunyaatti yaaddessaa ta’aa dhufuu kan ibse dhaabbatichi, yakkicha ittisuuf tumsi waloo barbaachisaa ta’uu hubachiiseera.
Miikiyaas Ayyalaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.