Fana: At a Speed of Life!

Agarsiisni fi baazaariin Irreechaa Fulbaana 18 irraa eegalee gaggeeffama

Finfinnee, Fulbaana 9, 2018(FMC)- Agarsiisni fi baazaariin Irreechaa Fulbaana 18 irraa eegalee gaggeeffama jedhe Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa.

Agarsiisni fi baazaariin Irreechaa Fulbaana 18-23, 2018 magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Agarsiisnifi baazaariin kun qindoomina Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi ‘Hagere Event and Promiotion’ Giddugala Egzibiishinii Magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu koreen Eksipoo Irreechaa ibsa miidiyaaleef kenneen himeera.

Hoogganaa Itti aanaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa obbo Daraaraa Katamaa, Irreechi ayyaana galateeffannaa uummanni Oromoo bacaqii gannaa irraa gara booqaa birraatti ce’uu isaaf itti galateeffatuu ta’uu ibsanii, Ayyaanicha sababeeffachuunis sagantaaleen garaagaraa kan gaggeeffaman ta’uu himaniiru.

Agarsiisaafi baazaarii kanarratti oomishaalee Ayyaana Irreechaan walqabatan dabalatee oomishaaleen gara garaa bal’inaan kan itti dhiyaatan ta’uus ibsuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.