Agarsiisni misooma beelladaa fi bu’aalee beelladaa irratti xiyyeeffate baname
Finfinnee, Onkoloolessa 20, 2018 (FMC) – Daawwattoonni biyyoota Baha Afrikaafi idil-addunyaa kumni 5 ol kan irratti hirmaatan agarsiisni misooma beelladaa fi bu’aalee beelladaa galma Barkumeetti banameera.
Agarsiisaafi yaa’ii har’arraa eegalee guyyoota sadiif gaggeeffamu kanarratti qooda fudhattoonni damee misooma beelladaa biyyoota 14 irraa walitti babba’an 100 ol, ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraafi ogeeyyiin damichaa kan hirmaatan ta’uun ibsameera.
Agarsiisichi teeknooloojii, galtee fi furmaatawwan misooma beelladaa irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u walitti hidhamiinsa gabaa uumuufi carraawwan invastimantii beeksisuuf qooda olaanaa qabaachuu eerameera.
Kana malees muuxannoo waljijjiiruuf akka gargaaru ibsameera.
Mootummaan inisheetiivii Maaddii Guutuun oomisha aannanii, hanqaaquu, lukkuu fooniifi dammaa guddisuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa akka jirus himameera.
Taammiraat Dalaliitu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.