Ajaja Kibbaatti hundeeffamni waggaa 30ffaa Kutaa Waraanaa 21ffaa Gunaa kabajamaa jira
Finfinnee, Fulbaana 27, 2018(FMC)- Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kibbaatti hundeeffamni waggaa 30ffaa Kutaa Waraanaa 21ffaa Gunaa magaalaa Baatuutti kabajamaa jira.
Sagantaa kabaja hundeeffama waggaa kanarratti Itti aanaa Itaamaajoorshuumii Waliigalaa Humnoota Waraanaa Jeneraal Ababaaw Taaddasaa dabalatee qondaaltonni olaanoon Raayyaa Ittisaa biroon argamaniiru.
Dabalataanis hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi naannoo, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi hawaasni naannawichaa argamuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.