Fana: At a Speed of Life!

Ajajni Bahaa sochii garee finxaaleyyii hordofuun tarkaanfii fudhachuun nageenya mirkaneessaa jira- Jeneraal Ababaaw Taaddasaa

Finfinnee, Fulbaana 16, 2018(FMC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa Ajajni Bahaa sochii garee finxaaleyyii hordofuun tarkaanfii fudhachuun nageenya mirkaneessaa jira jedhan Itti aanaan Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humnoota Waraanaa fi Walitti Qabaan Kaawunsilii Tasgabbii Naannoo Amaaraa Jeneraal Ababaaw Taaddasaan.

Raawwii ergama Ajaja Bahaafi nageenya naannichatti uumame ilaalchisuun ibsa kan kennan Jeneraal Ababaaw Taaddasaan, hoggantoonniifi loltoonni Ajajichaa ergama heeraa fi biyyaa jaalala biyyaa cimaafi naamuusa olaanaan bahachaa jiru jedhan.

Miseensonni Ajajichaa raawwii dirqamaa olaanaan nageenya naannichaa waaressuuf ergama isaanii gahumsa olaanaan bahachaa akka jiranis ibsaniiru.

Ergama bahachuurra darbee humna nageenyaa naannichaa irra deebiin gurmeessuun, leenjisuuni fi gahoomsuun caasaan nageenyaa cimaan akka jiraatu taasifamuus kaasaniiru.

Haaluma Kanaan Ajajni Bahaa godinaalee Goojjam fi Goondar Kibbaatti sochii garee finxaaleyyii hordofuun tarkaanfii fudhachuun nageenya naannichaa cimsaa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa gareen finxaaleyyii Kaayyoo diinota alaa fudhachuun nageenya naannichaa booressuuf socho’u tarkaanfii cimaa irratti fudhatameen abdii kutachaa jiraachuu eeruu isaanii TOI gabaaseera.

Tarkaanfiin garee badii kanarratti fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessanii, Raayyaan Ittisa Biyyaa jaalala biyyaafi aantummaa uummatummaa gonfachuun naamuusa olaanaan, gootummaan fi kutannoon kabajaa fi birmadummaa biyyaa eegsisuu itti fufa jedhaniiru.

Hoggantoonni raayyichaa sadarkaan jiran dandeettii hoggansaa olaanaa qabaachuu kaasanii, haaluma Kanaan itti fufuu akka qaban hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.