Fana: At a Speed of Life!

Ajajni Lixaa biyyaaf Gaachana ta’ee, diinaaf ammoo Sodaa ta’eera -Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 3, 2017 (FMC)- Ajajni Lixaa biyyaattii eeguuf wareegama gudda kaffaluun biyyaaf gaachana ta’ee, diinaaf ammo sodaa ta’uun seenaa hojjeteera jedhan Pireezidaantiin Mootumma Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis guyyaa hundeeffama Ajaja Lixaa waggaa 47ffaan Magaalaa Naqamteetti kabajamerratti haasawaa taasisanin, Lixa Oromiyaatti nageenya waaraa argameen hojiin misoomaa addaan citee ture karaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaniin hojjetamaa jiran bu’aa Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Lixaati jedhan.

Raayyaan Ittisa biyyaa Itiyoophiyaa Utubuu keessatti gahee olanaa bahataa jiraachuus himaniiru.

Daangawwan Itiyoophiyaa hudaatti wareegama qaalii kaffaluun biyyatti itti fufsiisaa jiras jedhan.

Dhaabaa Fiqaaduutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.