Fana: At a Speed of Life!

Ajajni Lixaa hojiiwwan nageenyaa fi misooma biyyaa keessatti gahee leencaa bahachuun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 2, 2017 (FMC) –Raayyaa Ittisa Biyyaatti Hundeeffamni waggaa 47ffaa Ajaja Lixaa magaalaa Naqamteetti taa’ameera.
Marii Paanaalii kanaan Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajajni Lixaan waggoottan 47’n darbaniif walabummaa fi tokkummaa biyyaa eegsisuuf hojii nageenyaa fi misooma biyyaa mirkaneessuu keessatti gahee leencaa bahachaa turuun ibsameera.
Waraqaaleen qorannoo adeemsa Ajajichaa waggoottan 47n darbanii argisiisu fi gootummaan inni Giddu galeessaa fi Lixa biyyattii keessatti bahachaa ture irratti xiyyeeffatus mare kanarratti dhiyaataniiru.
Kitaabni seenaa gootummaa Ajaja Lixaa hundeeffama isaa bara 1970 irraa kaasee hanga bara 2017tti jiru irratti xiyyeeffachuun barreeffames ni eebbifama.
Sirni Loogoo Ajajichaa beeksisuus ni geggeeffama.
Marii paanaalii kanarratti Itaamaajoorshumii Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, I/A Itaamaajoor Shumii Jeneraal Ababaaw Taaddasee, Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Naannoo Beenishaangul Gumuz Ashaadilii Hasan, Itti aanaa pirezidaantii Naannoo Amaaraa Dooktar Diras Haayiluu, Jeneraalotni Waraanaa fi keessummoonni biroon hirmaataa jiru.
Galaanaa Tasfaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.