Ajandaaleen misoomaa idil addunyaa karoora biyyaalessaa waliin walsimuun hojiirra oolaa jiru
Finfinnee, Waxabajjii 11, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan ajandaalee Ardii fi Idil Addunyaa karoora biyyaalessaa ishee waliin walsimsuun hojirra oolchuu cimsitee itti fufti jedhe Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa.
hundeeffamni waggaa 25ffaa Waldaa Qorannoo Afrikaa guyyoottan sadan darbaniif magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture xumurameera.
Ministir Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Xirumaar Abaataa akka jedhanitti, sirnichi keessummoota argaman keessummeessuu fi sagantaalee qopheessuun milkaa’aa ture jedhan.
Sirna madaallii cimsuuf leenjii ijaarsa dandeettii kennuu, muuxannoo fi ogummaa biyyoota wal jijjiiruu fi tumsa cimsuun galmoota qabaman milkeessuun akak danda’ame ibsaniiru.
Waltajjicharratti biyyoonni sirnoota madaallii isaaniirraa muuxannoo kan qoodan yoo ta’u, Itiyoophiyaanis sirna hordoffii fi madaallii cimaa diriirsuun hojiilee hojjette dhiyeessiteetti.
Itiyoophiyaan Ajandaalee Ardii fi Idil Addunyaa karoora biyyaalessaa ishee waliin walsimsuun gabaasa akkaataa hojirra oolmaa, hordoffii fi gamaaggama taasisuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan hojirra oolchaa kan jirtu karoora misooma wagga 10 ajandaa 2063 fi galmoota misooma waaraa walitti kan qabate ta’uu hubachiisuun, fuuldurattis cimee kan itti fufu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.16:22