Fana: At a Speed of Life!

Ajandaan dhiyaatu qalbii hundaa kan bituu fi yaada hunda bakka bu’u ta’uutu irra jiraata – Piroofeesar Masfin Ar’aayaa

Finfinnee, Caamsaa 23, 2017 (FMC) – Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa waltajjii Marii ajandaa walitti qabuu 14ffaan Dhaabbilee fi Waldaalee Federaalaa galma Barkumeetti gaggeessaa jira.

Garaagarummaa fi walii galtee dhabuun keenya duudhaalee waloo keenya diiguun gatii guddaa nu kaffalchiiseera jedhan Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ar’aayaan.

Qaamonni sababoota adda addaan adeemsa marii kana keessatti hin hirmaatin jiran akka hirmaatan mootummaa dabalatee qooda fudhattoonni hundi deeggarsa gochuu qabu jedhan.

Hundi injifataa kan itti ta’u daandii sirriin marii qofa jechuun himan.
Marii abdii Itiyoophiyaa ta’e kana kabajuun hundi irratti hirmaachuu akka qaban gaafatan.

Waltajjiin marii kun rakkoo akka biyyaatti mudate furuuf kan gargaarudha jedhan.

Ajandaa jiru dhiyeeffachuun garaagarummaa jirurratti mari’achuun rakkoo amma biyyi keessa jirtu keessaa bahuuf hundi qooda isaa gumaachuu akka qabu kan gaafatan Piroofeesar Masfin Ar’aayaan, ajandaan dhiyaatu qalbii hundaa kan hawwatuu fi yaada hunda bakka bu’u ta’uutu irra jiraata jedhan.

Bakka buutoonni dhaabbilee Amantaa, Dhaabbilee Diimokiraasii, Paartilee siyaasaa, Waldaalee Hawaasa Siiviilii,qaamoleen Mootummaa, rogeeyyiin hawaasummaa, dhaabbilee miidiyaa fi waldaalee biyyaalessaarraa walitti babba’an 800 waltajicharratti hirmaachaa jiru.

Waltajjiin Ajandaa walitti qabuu kun hanga boruutti itti fufa.

Itiyoophiyaan mari’achaa jirti!

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.