Aleeksaandar Arnoold Maadriidiif mallateesse
Finfinnee, Caamsaa 22, 2017 (FMC) – Taphataa sarara ittisaa Liiverpuul kan ture Aleeksaandar Arnoold Maadriidiif mallateesseera.
Aleeksaandar Arnoold torbee lama dura kilaba isa guddise Liiverpuuliin adda bahuu isaa beeksisee ture.
Kilaba haaraa fi iddoolee garaagaraatti taphachuun of madaaluu akka barbaadu wayita Liiverpuul gadi lakkisuuf murteessu himee ture.
Amma kilaba haaraa kana keessatti dandeettii koo mul’isuun barbaada jedhe.