Aljeeriyaan Ikkuwaatooriyaal Giinii, Burkiinaa Faasoon ammoo Sudaan injifatan
Finfinnee, Mudde 22, 2018 (FMC) – Taphoota ramaddii xumuraa waancaa Afrikaa 35ffaan Aljeeriyaan Ikkuwaatooriyaal Giinii, Burkiinaa Faasoon ammoo Sudaan injifachuun tapha moo’atanii darbuuf gahuu mirkaneeffatan.
Aljeeriyaan galchii 3 fi 1’n Ikkuwaatoriyaa Giinii yoo injifattu, Burkiinaa Faasoon ammoo galchii 2 fi 0’n Sudaan injifatte.
Halkan sa’aatii 4:00 eegalee Gaaboon Kootidivowaar, Moozaambiik ammoo Kaameeruun waliin morkiin taasisan ni eegama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.