Amantaaleen waloon ta’uun nageenya biyyaa cichoomsuuf hojiilee bal’aa hojjetan
Finfinnee, Adoolessa 29, 2017 (FMC) – Amantaaleen waloon ta’uun walummaa cimsuun nageenya biyyaa cichoomsuuf hojiilee bal’aa hojjetan jedhe Ministeerri Nageenyaa.
Yaa’ii 4ffaan Nageenya Biyyaalessaa Dhaabbileen Amantaa magaalaa Hararitti qopheessan sagantaalee garaagaraan itti fufeera.
Yaa’ichi dhimmoota nageenyaa, tokkummaa fi waloomaarratti mari’achaa kan jiru yoo ta’u, hoggantoonni dhaabbilee amantaa, jaarsoliin biyyaa, hoggantoonni mootummaa fi bakka buutoonni kutaalee hawaasaa hirmaachaa jiru.
Abbootiin Gadaa fi Jaarsoliin biyyaa hawaasa gidduutti jaalalli akka cimuu fi nageenyi akka waaromu ummataa fi mootummaa waliin yoo hojjetan guddinaa fi Walummaaf qooda olaanaa qabaachuu Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa Dooktar Kayiraddiin Tazarraan ibsaniiru.
Amantaaleen waloon ta’uun nageenya biyyaa cichoomsuuf hojiilee bal’aa hojjechuu isaanii himan.
Geetaasaw Yeshiiwaastu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.