Amantoonni Wangeelaa nagaa fi tokkummaa biyyaaf akka tumsan waamichi dhiyaate
Finfinnee, Amajjii 28, 2018(FMC) – Manni Maree Manneen Amantaa Kiristaanaa amantootni Wangeelaa nagaa fi tokkummaa biyyaaf tumsuu qabu jedhe.
Yaa’ii idileen waliigalaa 5ffaan Mana Marichaa geggeefgamaa jira.
Pirezidaantiin Mana Marichaa Dooktar Xaasoo Gabiree akka jedhanitti, Manni Maree kun dhaabbilee amantaa biroo waliin ta’uun hojii ijaarsa nagaa biyyaa keessatti qooda isaa ba’aa jira.
Hojii hawaasummaa fi misoomaa keessattis qooda mana amantaa irraa eegamu ba’uuf qophaa’oo ta’uus mirkaneessaniiru.
Amantoonni Wangeelaa bakka adda addaa jiran nagaa fi tokkummaa biyyaaf akka tumsan waamicha dhiyeessanii, dhaloonni naga qabeessaa fi dhiibbaa gaarii kan uumu akka ta’uuf amantoonni ga’ee irraa eegamu ba’achuu akka qaban hubachiisaniiru.
Mootummaanis akkuma dhaabbilee amantaa biroo Manni Marichaa labsiin akka hundaa’uu gochuu isaatiif galateeffataniiru.
Bakka bu’aan Ministeera Nagaa Ambaasaaddar Isheetuu Dassee gama isaaniin, dhaabbileen amantaa nagaa fi tokkummaa uummataaf ga’ee guddaa qabaatu jedhan.
Dhaabbileen amantaa ga’ee isaanii kana akka ba’aniif mootummaan haala miijessuuf hojjetaa akka jirus eeraniiru.
Yoonaas Geetinnatiin
#Oromia #Ethiopia