Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Dooktar Umar Huseen xalaayaa muudamaa isaanii Pirezidaantii Paakistaaniif dhiyeessan

Finfinnee, Bitootessa 30, 2018 (FMC) – Rippaabiliika Islaamummaa Paakistaanitti Ergamaan Addaafi Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dooktar Umar Huseen xalayaa muudamaa isaanii Pirezidaantii biyyattii Asiif Alii Zardaariif dhiyeessaniiru.

Ambaasaaddar Dooktar Umar Huseen wayita kana ergaa Pirezidaantii RDFI Taayyee Atsiqasillaaseefi Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad irraa ergame pirezidaantichaan gahuun, dhimmoota gamlameerratti mari’taniiru.

Itiyoophiyaa dabalatee hariiroo biyyoota Gaanfa Afrikaa waliin qabdu cimsuuf imaammataa Paakistaan hordoftuufi kutannoo qabdu Itiyoophiyaan akka dinqisiifattu Ambaasaaddar Dooktar Umar Huseen ibsaniiru.

Michummaa fayyadamummaa waloo irratti hundaa’e ijaaruuf mootummaa Paakistaan waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf qophii ta’uus dubbataniiru.

Pirezidaanti Asiif Alii Zardaar gamasaaniin, Paakistaan hariiroo dippiloomaasiifi diinagdee Itiyoophiyaa waliin qabdu gara sadarkaa olaanaatti guddisuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Mariin isaanii hariiroo biyyoonni lameenii dameewwan tarsiimawoo Raayyaa Ittisaa, jijjiirama qabeenya qilleensaa, Aviyeeshinii, Teeknooloojii, Qonnaa fi daldalaan qaban cimsuurratti kan xiyyeeffate ta’uu Embaasichi Faanaa Diijitaaliif ibseera.

Qaamoleen lameen tumsa waltajjiiwwan gam-lamee fi gamhedduu irratti qaban guddisuuf kutannoo qabaachuus mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.