Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan gita isaanii Soomaaliyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 6, 2017 (FMC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan gita isaanii Soomaaliyaa Alii Mohaammad Oomaar waliin mari’ataniiru.

Hariiroon biyyoota lamaanii waliigaltee Ankaaraan booda fooyya’iinsa agarsiisuu marii isaaniin kaasaniiru.

Hariiroo dameewwan biroo caalmaatti cimsuuf walga’ii komishinii waloo gaggeessuun barbaachisaa ta’uu marii isaaniin yaada waljijiiruu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.