Ambaasaaddar Taayyeen Ityoophiyaan hawaasa addunyaa waliin tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu beeksisan
Finfinnee, Bitootessa 3, 2013 (FBC) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasilaaseen Ityoophiyaan hawaasa idil addunyaa waliin tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Ambaasaaddar Taayyeen Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif haala waqtaawaa Ityoophiyaa fi naannoo Tigraay ilaalchisee xaalayaa barreessaniiru.
Xaalayaa isaaniin Ityoophiyaan hawaasa idil addunyaa waliin tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Hawaasni idil addunyaa hojiilee mootummaan Ityoophiyaa naannoo Tigraay deebisee ijaaruu fi deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf hojjechaa jiru akka deeggaran gaafataniiru.
Ambaasaaddar Taayyeen gareen ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa Izzii Kaabaarratti haleellaan raawwate yakka biyya kamiiyyuutti raawwatamee hin beekne ta’uu eeraniiru.
Sababa kanaan mootummaan birmadummaa biyyaa eegsiisuuf jecha duula olaantummaa seeraa kabachiisuu raawwachuu ibsaniiru.
Adeemsa tarkaanfichaa hordofee lammiileen qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu, bu’uuraaleen misoomaa diiggamuu, akkasumas naannichatti hanqinni midhaan nyaataa muudachuu eeraniiru.
Rakkoo uumame furuuf dhaabbilee deeggartootaa biyya keessaa fi idil addunyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Deeggarsa namoomaa naannichatti qaqqabsiisuuf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee deebii hawaasni idil addunyaa laatan mootummaan Ityoophiyaa kan dinqisiifatu ta’uu xaalayaa isaaniin eeraniiru.
Dhimma sarbama mirga namoomaa ilaalchisee mootummaa fi Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa qorannoo gaggeessaa jiraachuu eeraniiru.
Bu’aan qorannoos yeroo dhiyootti kan ifoomu ta’uu kaasaniiru.
Ityoophiyaan mirga namoomaa kabachiisuu fi sarbama mirga namoomaa ga’u ittisuuf murannoo qabaachuu ibsaniiru.
Qaamolee sarbama mirga namoomaa ga’e jedhame keessatti hirmaatan seeratti dhiyeessuuf ejjennoo qabaachuu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.