Ameerikaa fi Jaappaan shaakala waraanaa waloo gaggeessan
Finfinnee, Mudde 2, 2018 (FMC) – Xiyyaaronni Ameerikaa humna niwukilaraa qaban boombii darbatoonni, Jeettii waraanaa Jaappaan waliin shaakala balallii taasisaniiru.
Chaayinaa fi Raashiyaan tibbana shaakala waraanaa waloo gaggeessuu hordofee Xiyyaaronni Ameerikaa boombii darbatan Jeettii Waraanaa Jaappaan waliin shaakala taasisuutu himame.
Xiyyaaroonni Ameerikaa US B – 52 jedhaman lama Jeettii Waraanaa Jaappaan F-35 jedhaman 3 fi Jeettii qilleensaa F -15 jedhaman sadi waliin shaakalaniiru.
Biyyoonni lamaan aggaammii biyyoota kamiiyyuu qolachuuf waloon hojjechuuf murannoo qabaachuu Ministeerri Raayyaa Ittisaa Jaappaan ibsa har’a baaseen himeera.
Chaayinaan gama isheen Jeettiwwan Jaappaan sosochii naannawaa Qilleensaa karaa Jaappaan Kibbaatti argamurratti sodaa ta’uu ibsite.
Gochaan Chaayinaan naannawichatti taasisaa jirtu nageenyaaf bu’aa kan hin qabneedha jette Waashiingitan.
Tumsa Jaappaan waliin qabdu caalmaatti kan cimsitu ta’uu mirkaneessite.
Shaakalli waloo Chaayinaa fi Raashiyaan taasisan kan Jaappaanirratti qiyyeeffate ta’uu Itaamaajoor Shuumiin Humna Waraanaa Jaappaan Jeneraal Hiiroo’aakii Uchiikuuraan dubbataniiru.
Tarkaanfii humnaa ta’uu ifatti kan mirkaneesseedha jechuu isaanii ‘The Independent’ gabaaseera.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Gu’oo Jiiyaakuun gama isaaniin, shaakalli Raashiyaa waliin taasisan qaama karoora tumsa waloo waggaa ta’uu himan.
Chaayinaan nageenya naannawaa tiksuuf muraannoo qabaachuu hubachiisan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.