Ameerikaan buufataalee niwukileraa Iraan haleelte
Finfinnee, Waxabajjii 15, 2017(FMC) – Ameerikaan buufataalee niwukileraa Iraan sadii haleelte.
Buufataalee kanneen keessaa gaarren gidduutti kan argamu buufatni Niwukileeraa guddichi “Foordoowu’’ jedhamuun waamamu isa tokkoo dha.
Haaleellaan kun milkaa’aa akka ture Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi uummata isaaniif mirkaneessaniiru.
Iraan karaa nagaa hinfilattu taanaan haleellaan kun akka itti fufus dhaadataniiru.
Ameerikaan walittibu’iinsa Isiraa’el fi Iraan gidduu seenuu fi dhiisuu torban lama keessattin murtee irra ga’a erga jettee reef guyyaa sadii ta’a.
Haleellaa kanaan miidhaan qaqqabe hangam akka ya’e ammaaf waan jedhame akka hinjirree miidiyaaleen adda addaa gabaasaa jiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.