Ameerikaan bu’uuraalee misoomaa Iraan haleelte taanaan tarkaanfii cimaan fudhadha – Iraan
Finfinnee, Bitooteessa 28, 2018 (FMC) – Ameerikaan bu’uuraalee misooma Anniisaa Iraan haleelte taanaan tarkaanfii deebii hamaa ta’e kan fudhattu ta’uu Iraan akeekkachiifte.
Ministirri Alaa Iraan Abbaas Araachiin daangaa yeroo Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi sa’aatii 48 erga kennanii booda gita isaanii Faransaay waliin marii taasisaniin, Pireezidaanti Tiraampi akkuma dhaadatan bu’uuraalee misooma anniisaa Iraanitti bu’an taanaan tarkaanfii deebii hamaa ta’e fudhanna jechuun akeekkachiisaniiru.
Ameerikaan haleellaa eegallaan Humnoonni Ripaabilikaa Islaamummaa Iraan shakkii tokko malee tarkaanfii leellisaa fi hunda galeessa ta’e fudhatu jedhan.
Dhaadannoon Ameerikaa gochaa yakka waraanaa fi duguuggaa sanyiiti jechuu isaanii BBCn gabaaseera.
Haleellichi muddama naannawichaa caalmaatti kan hammeessu ta’uu isaan furmaata dippiloomaasii barbaada jedhan.
Waraanni Baha Giddugaleessaa erga eegalee guyyoota 39 lakkoofsiseera.
Dhiibbaan isaa addunyaa raasaa jira.
Ameerikaan haleellaa bu’uuraalee anniisaa Iraanirratti fudhattu akka dhaabdu, akkasuma Iraan haleellaa deebii bu’uuraalee waraanaa Ameerikaa biyyoota Galoo Galaanaatti argamanirratti fudhattu dhaabuuf mariin murteessaa ta’e taa’amaa jira.
Qooda fudhattoonni Ameerikaa, Iraaniifi Paakistaan irraa walitti dhufan waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota 45’f turu raawwachuuf mari’achaa jiru.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia