Ameerikaan haleellaa bidiruu qoricha sammuu adoochu feete irratti raawwatteen namoota 14 ajjeefte
Finfinnee, Onkololeessa 19, 2018 (FMC) – Ameerikaan haleellaa bidiruuwwan qoricha sammuu adoochu fe’anii imalaa turanirratti raawwatteen namoonni 14 ajjeefaman jedhe Ministeerri Raayyaa Ittisaa biyyattii.
Bidiruuwwan afur qoricha sammuu namaa adoochu fe’anii Galaana Paasifikii irra imalaa turan irratti haleellaan kun raawwatamuu ibse.
Ameerikaan namoota bidiruudhan qoricha sammuu namaa adoochaan Paasifikiifi Kariibbiyaan irraa gara biyyattii fe’an irratti haleellaa qilleensarraa walitti fufiinsaan gaggeessaa jirti.
Ministirri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Piit Heegs akka jedhanitti, Ameerikaa haleellaa qilleensarraa bidiruuwwan qoricha sammuu namaa adoochu fe’an irratti kan gaggeessite kaleessa yoo ta’u, ajaja Pirezidaant Tiraamp kenneeni.
Pirezidaantiin Meeksikoo Kilaawudiyaa Sheeyinbaawun haleellaa Ameerikaa kana mormuun qondaaltonni biyyattii Ambasaaddara US achi jiru waamanii akka dubbisan ajajje.
Ameerikaan haleellaa bidiruuwwan qoricha sammuu namaa adoochu fe’an jettu irratti gaggeessaa jirtuun hanga ammaa namoonni 57 du’aniiru.
Tarkaanfiin kun biyyoota Laatiin Ameerikaa kanneen akka Venezuweelaafi Koloombiyaa wajjin muddama keessa ishee galchuu ‘BBC fi Independent’ gabaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.