Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan loltoota ishee gara Baha Giddu-galeessaatt erguuf karroora hin qabdu – Doonaald Tiraamp

Finfinnee, Bitootessa 10, 2018 (FMC) – Preezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, biyyi isaanii loltoota dabalataa gara Baha Giddu-galeessatti erguuf karroora akka hin qabne beeksisan.

kun kan dhaga’ame yeroo dubbiin Iraan, Ameerikaa fi Israa’el gidduu jiru hammaachaa dhufeefi, keessumaa ammoo bu’uraalee misoomaa inniarjii irratti xiyyeeffachuun haleellaawwan raawwatamaa jiranitti dha.

Waraanichi hamaachaa dhufuu hordofee Ameerikaan loltoota lafoo dabalataa gara Baha Giddu Galeessaatti erguuf yaadaa jirti jedhamuu kuffisaniiru.

Preezidaantichi kana kan dubbatan har’a Waayit Haawusitti Ministira Muummee Jaappaan, Sanaay Taakaayichii waliin erga mari’atanii booda.

Tiraampi “Loltoota keenya eessattiyyuu hin bobbaasnu,” jedhan.

Ta’us, akka gabaasa Rooyitersiitti, biyyi isaanii akka barbaachisummaa isaatti tarkaanfii kamiyyuu fudhachuu akka dandeessu akeekkachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.